ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Muummichi Ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Sanbata kaleessaa waan “ bulchiinsa Iraan irratti xiyyeeffate hunda” akka rukutu doorsisuun, haleellaan Israa’el sagantaa niwukilaraa Tehran irratti “dha’icha dhugaa” akka rgeggeesse himaniiru.
“Iddoo hunda ni rukunna, galma bulchiinsa Iraan hunda,” jechuun Neetaaniyaahuun ibsa viidiyoon duula qilleensaa Israa’el guyyaa lammaffaa iddoowwan waraanaa fi niwukilaraa Iraan irratti xiyyeeffate irratti kennaniin dubbatan.
“Sagantaa niwukilaraa isaanii irratti dha’icha dhugaa Jimaata irraa eegalee raawwanneerra” jechuun dabalaniiru.
“Teehiraanitti karaa banneerra. Yeroo dhiyootti, xiyyaaronni Israa’el — Humni Qilleensaa keenya, balaliistonni keenya — samii Tehran irratti mul’atanii ni argitu,” jedhan Netaaniyaahuun, erga waraanni Israa’el halkan tokkotti bakkoota guddoo Iraan 40, misaa’elaa fi sirna ittisa qilleensaa sadarkaa olaanaa dabalatee, rukutuu erga gabaasee yeroo muraasa booda.
Israa’el Jimaata darbe Iraan irratti haleellaa kanaan dura hin mul’anne kan jalqabde yoo ta’u, bakka waraanaa fi niwukilaraa 200 ol rukute jedhan dubbi himaan waraanaa Effiye Defrin. Duula kanaanis ajajoota waraanaa olaanoo, saayintistoota niwukilaraa fi qondaaltota olaanoo biroo ajjeesaniiru.
Iraan akka jettetti, haleellaa Israa’eliin jalqabaa irratti namoonni 78 ajjeefamanii, 320 ammoo madaa’aniiru.
Iraan deebiftee Israa’el keessatti diroonii fi misaa’ela hedduu tarkaanfii fudhatteen, namoota sadii ajjeestee, namoota 70 ol miidhuun magaalota hedduu keessatti miidhaa geessisteetti.

