ONM-ABO Ebla 10, 2025
Prezidaant Doonaald Traamp Israa’el kaleessaa akka jedhanitti, Iraan sagantaa meeshaa niwukilaraa ishee yoo dhaabne, Israa’el Iraan irratti haleellaa waraanaa irratti raawwatamuuf jiru “ni hogganti” jedhan.
Tiraamp yaada kana kan kennan marii dhuma torban kanaa irratti qondaaltota US fi Iraan Sulxaana Baha Giddu Galeessaa Omaan keessatti hirmaachisuun beellama qabe duratti. Tiraamp jalqaba torban kanaa mariin kun “kallattiidhaan” akka ta’u kan himan yoo ta’u, Iraan ammoo wal argaan kun “al-kallattiidhaan” US waliin taasisna jechuun ibsiteetti.
“Yoo waraana barbaachise, waraana qabaachuuf jirra,” jedhan Tiraamp. “Israa’el ifatti sana keessa akka seentu ifaadha. Isaan hogganaa sanaa ta’u. Garuu namni nu geggeessu hin jiru, waan hojjechuu barbaannu hojjenna” jechuun Pirezidaantiin US Ameerikaa waan barbaade dubbataa fi hojjechaa jiru Doonaald Tiraamp dubbatee jira.
Muummichi ministeera Israa’el Benjamin Netanyahu jalqaba torban kanaa Tiraamp Iraan waliin waliigaltee irra ga’uuf tattaaffii dippilomaasii taasisan akka deggeran himaniiru. Itti dabaluudhaanis, Israa’elii fi Ameerikaan Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin guddisne mirkaneessuuf galma walfakkaatu akka qaban dubbataniiru.
Teehiraan yeroo kamiyyuu caalaa meeshaa waraanaa niwukilaraa kana qabaachuutti waan dhihaatteef Ameerikaan yaaddoo guddaa keessa jirti. Garuu Tiraamp Roobii kaleessaa akka jedhanitti, mariin kun furmaata argachuuf yeroo daanga’e hin qabu jechuun dubbachuu isaanii Asoosheetid Pirees gabaaseera.

