Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Netaaniyaahuun haleellaan Dilbata kaleessaa Hizbollaa irratti raawwatame kan xumuraa miti’ jedhan

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Haleellaa bal’aan Israa’el bakka misaa’ela Hizbollaan Libaanos keessa jiru irratti raawwatte ”dhuma seenaa miti,” jechuun muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun dubbatan.

Israa’el Dilbata darbe haleellaa qilleensaa kibba Libaanos irratti raawwatte, haleellaa dursaa Hizbullaah irratti raawwatte ta’uu ibsiteetti. Gareen hidhattootaa kun ji’a darbe ajjeechaa ajajaa olaanoo isaanii keessaa tokko irratti raawwatame haaloo ba’uuf rookkeetii fi diroonii dhibbaan lakkaa’aman dhukaasuun ni yaadatama.

“Hizboollaan ganama barii rookkeettii fi dirooniitiin Mootummaa Israa’el haleeluuf yaale. Balaa kana maqsuuf haleellaa dursaa cimaa akka raawwatu IDF’f qajeelfama kennine jedhan Netaaniyaahuun. IDF rookeetota fageenya gabaabaa kumaatamaan lakkaa’aman kan ” lammiilee keenyaa fi humna keenya Galiilaa miidhuuf yaadame,” hunda isaanii barbadeesseera jedhan Netaaniyaahuun

Waljijjiirraan dhukaasaa cimaan kun waraana hunda galeessa Ameerikaa, Iraan fi gareewwan hidhattootaa guutuu naannichaa harkisuu danda’u kaasuuf sodaachisaa ture.

Gama biraatiin Hamaas Beeniyaamin Netaaniyaahuun gaaffii haaraa fiduu fi dhukaasa dhaabuu irra ga’uuf ciminaan hin hojjenne jechuun himata.

Netaaniyaahuun gama isaatiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga’amuu fi dhiisuu isaa osoo hin ilaalin hanga Hamas guutummaatti haxaa’amutti waraanni Gaazaa itti fufa jechuun cichanii dubbachuu Yuuriiniwus gabaaseera.

Exit mobile version