Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el kibba Libaanos yoo haleeltu, Hizbullaahn rookkeettii Israa’el irratti dhukaase

ONM-ABO Hagayya 25, 2024

Hizbullaah dhuma baatii Adoolessaa keessa ajjeechaa ajajaa Fu’aad Shukrii irratti raawwatameef deebii kennuuf haleellaa Israa’el irratti raawwate marsaa jalqabaa “misaa’ela baay’eedhaan” xumuruu isaa dubbate.

Gareen Libaanos kun ibsa Dilbata darbe baaseen, buufata waraanaa fi mooraa waraanaa Israa’el 11 buufata Meeroon fi iddoowwan afur Gaara Goolan  dhuunfatame keessatti argaman irratti  rookkeettii Kaatyushaa 320 ol dhukaasuu isaa ibseera.  Deebiin kun kan ho’aan eegamaa ture yoo ta’u, torban hedduudhaaf Israa’el ajajoota olaanoo Hizbullah fi Hamas irratti xiyyeeffattee ajjeesuu ishee irratti raawwatamaa kan tureedha. Sababa kanaan yaaddoo hammaataan naannoo sanaa dabalaa dhufeera.

Hizbullaan buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuun “diroonii akka darban haala mijeessuuf” gara bakka Israa’el keessa barbaadanitti akka xiyyeeffate ibseera.

Yeroo Hizbullaan Israa’eliin haleeluuf qophaa’uun isaa adda ba’etti Dilbata har’aa ganama Israa’el kibba Libaanos haleeluun ibsameera.

Hizbullaah fi Israa’el erga waraanni Israa’el Gaazaa irratti Onkoloolessa keessa jalqabdee asitti haleellaa daangaa ce’uun cimina tokko tokkoon wal jijjiiraa kan turan yoo ta’u, kun hammachuu guddaa agarsiisa.

“Haleellaan Israa’el Libaanos irratti raawwatte harki caalaan isaa naannoo daangaa, hanga kiiloo meetira 3 gad fageenya daangaa kiiloo meetira 12 qabu irratti ture.

”Naannoon daangaa amma naannoo waraanaa ta’eera. Namoota nagaa keessaa baafamee jira. Ji’oota darban keessa irra deddeebiin waraana Israa’eliin rukutamaa jira.”

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Dilbata ganama walgahii Mana Maree Nageenyaa ni waamu jedhamee yoo eegamu, ministirri ittisaa ammoo sa’aatii 48’f “haala addaa” labsaniiru.

Exit mobile version