Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hizbullaah haleellaa guddaa ji’oota keessatti kan raawwate yoo ta’u, Hamaas deggaruuf rookkeettii 200 Israa’el irratti dhukaaseera

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Hizbullaah haleellaa Israa’el jalqaba torban kanaa ajajoota olaanoo isaa keessaa tokko ajjeesteef haaloo ba’uuf rookkeettii 200 ol gara Israa’elitti furguggisuu isaa ibseera.

Haleellaan garee hidhattoota Iraan deggaraman kun waldhabdee ji’ootaaf daangaa Libaanos fi Israa’el irratti geggeeffame keessaa isa guddaa yoo ta’u, torbanneen darban keessa waldhabdeen uumame guddachaa dhufeera.

Haleellaan Israa’el Roobii darbe kibba Libaanos keessatti raawwatte ajajaa olaanaa Hizbullaah Mohaammad Naasir ajjeese.

Nasser Hizbullah biratti iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, bara 2011 hanga 2016’tti lola Siiriyaa fi Iraaq keessatti geggeeffame akkasumas 2006 Israa’el waliin geggeessan irratti hirmaateera.

Kamisa kaleessaa waraanni Israa’el Libaanos irraa “pirojektiilii fi galma qilleensaa shakkisiisaa ta’e hedduu” naannoo ishee seenuu isaanii ibsuun, hedduun isaanii to’annaa jala oolaniiru jedheera.

Hizbullaah buufata waraanaa Israa’el hedduu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, hanga ammaatti lubbuun namootaa darbe hin jiru.

Hizbullaah garee michuu Iraan fi  Hamas waliin gamtaa ta’uun Israa’el rukutaa jira jedha.

Hooggansi Hizbullaah Gaazaatti dhukaasa dhaabuun erga uumamee booda haleellaa keenya ni dhaabna jechuun, lola osoo hin barbaadin garuu tokkoof qophii ta’uu dubbata.

Qondaaltonni Israa’el gama biraatiin, carraaqqiin furmaata dippilomaasii argachuuf godhamaa jiru yoo fashalaa’e Libaanos keessatti waraana seenuuf murteessuu akka danda’an dubbatu jechuun gabaasa Associated Press irraa argate ABC news gabaaseera.

Exit mobile version