ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Israa’el Jimaata kaleessaa gaaffii abbaa alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa irraa ajajni hidhaa Muummee Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti dhiyaateef “mormii seeraa” dhiyeessuu himte.
“Mootummaan Israa’el har’a mormii seeraa aangoo ICC’f dhiheesse, akkasumas seera qabeessummaa gaaffii abbaan alangaa ajaja hidhaa muummicha ministeeraa fi ministeera ittisaa Israa’el irratti dhiheesse,” jechuun dubbi himaan ministeera dhimma alaa Oren Marmorsteyin X irratti dubbataniiru.
Kun kanaan osoo jirui, lolli geggeeffamuu hin hafu jedhamee eegamu Hizbullaa fi Israa’el gidduutti waan ka’u fakkaata.
Waraanni Israa’el akka jedhetti Jimaata darbe Libaanos irraa rookkeetonni gara 60 ta’an gara lafa Israa’elitti kan dhukaafaman yoo ta’u, kaaba Israa’el keessatti saayireniin dhaga’amuun isaa himameera.
Dubbi himtuun waraanaa AFP’tti akka himtetti, “Halkan keessaa sa’aatii 1:02 irratti rookkeetotni gara 60 ta’an dhukaafamaniiru.
Ibiddi kun kan dhufe erga waraanni Israa’el halkan tokkotti rookkeettiin furguggifaman kudhanootaan lakkaa’aman kanneen Israa’el irratti fayyadamuuf qophaa’an rukute jedhee booda.
Hizbullaah haleellaa meeshaalee qunnamtii isaa irratti raawwatamuun lubbuu namaa galaafate hordofuun waldhabdeen uumameen walqabatee, haleellaa kibba Libaanos irratti raawwatameef haaloo ba’uuf Jimaata kaleessaa buufata waraanaa Israa’el irratti rookkeettii hedduu dhukaasuu isaa ibseera jechuun AFP’n gabaasa isaan addeesseera.

