Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muummichi Ministeeraa Ispeen haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwatte ‘weerara’ jechuun waamu

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024 

Muummichi ministeera Ispeen Peedroo Saancheez haleellaa waraanaa Israa’el Libaanos keessatti raawwatte darbe “weerara” jechuun Roobii ibsuun, hawaasni addunyaa tarkaanfii fudhachuu qaba jedhan.

“Biyya sadaffaa mootummaa abbaa biyyummaa qabdu kan akka Libaanos kanatti weerarri akka raawwatame ifaadha, kanaaf hawaasni addunyaa dhimma hin qabnee ta’ee turuu hin danda’u,” jechuun muummichi ministeeraa Soshaalistii paarlaamaatti himaniiru.

Haleellaa rookkeettii  Israa’el    magaalaa kaabaa Kiryat Shimona irratti kaleessa raawwatameen namoonni lama du’uu tajaajjilli hatattamaa Israa’el  ibsaniiru. Kunis yeroo waraanni Israa’el fi Hizboollaa Libaanos daangaa irratti dhukaasa wal jijjiiranitti jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version