Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Turkiin haleellaa Israa’el humna UN Libaanos irratti raawwatte balaaleffatte

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024 

Turkiin Kamisa kaleessaa haleellaa Israa’el humna  Mootummoota Gamtoomanii Libaanos (UNIFIL) irratti xiyyeeffatte balaaleffataniiru. 

“Haleellaan Israa’el humnoota Mootummoota Gamtoomanii irratti raawwatte, ajjeechaa namoota nagaa Gaazaa, Weest Baankii fi Libaanos keessatti raawwatte hordofuun, yakki ishee osoo hin adabamin akka hafu ilaalcha ishee mul’isa.

Hawaasni addunyaa Israa’el seera addunyaa akka eegdu mirkaneessuuf dirqama qaba,” jechuun ibsi Ministeera Dhimma Alaa Turkii beeksise.

Itti dabaluudhaanis Turkiin jalqabbii seera idil-addunyaa waliin walsimuun naannicha keessatti nagaa guddisuuf kaayyeffate hunda cimsuu akka itti fuftu ibsiteetti.

UNIFIL Kamisa darbe akka beeksisetti waajjirri muummee isaa Kibba Libaanos magaalaa Naqoraa fi iddoowwan dhihoo jiran lama humnoota Israa’eliin rukutame.

Kamisa ganama taankiin Israa’el Merkava jedhamu masaraa ilaalchaa irratti dhukaasuun kallattiin rukutee nagaa eegdota lama akka kufanii fi miidhaan salphaan isaan mudachuun gara hospitaalaatti akka ergan UNIFIL ibsi baaseen beeksiseera.

Israa’el erga Fulbaana 23 irraa eegalee guutuu Libaanos keessatti haleellaa xiyyaaraa guddaa kan Hizboollaa irratti xiyyeeffate irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoota 1,323 ajjeestee, namoota 3,700 ol yoo madeessitu, namoota miliyoona 1.2 ol qe’ee isaanii irraa buqqistee jirti jechuun Arabs news gabaaseera.

Exit mobile version