Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoggantoonni fi mootummootni addunyaa haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwachuun lubbuu namaa galaafatu balaaleffatan

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Haleellaan Israa’el Gaazaa irratti lubbuu namaa galaafate mootummoota Arabaa fi hawaasa addunyaa irraa balaaleffannaa kan argate yoo ta’u, Israa’el diinummaa akka dhaabdu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka deebitu gaafataniiru.

Haleellaan qilleensaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte yoo xiqqaate namoota 326 ajjeesuu qondaaltonni fayyaa Falasxiin Kibxata kaleessaa ibsaniiru. 

Gochi kun dhukaasa dhaabuu ji’oota lamaaf ture guutummaatti kufaatii keessa akka seenu taasisaa jira. Sababiin isaas Israa’el humna fayyadamtee namoota booji’amtoota ishee kanneen hafan Gaazaa keessaa bilisa baasuuf dhaadatteetti.   

Haleellaa Israa’el kana Ministeerri haajaa alaa Masrii balaaleffachuun, dhukaasa dhaabuu Amajjii 19 hojiirra oole “ifaan cabsuu” jedheera.

Ministeerri dhimma alaa Kaataar “imaammattoonni Israa’el hammaataa dhufe dhumarratti naannicha keessatti balaa akka qabsiisu fi nageenyaa fi tasgabbii ishee akka miidhu akeekkachiise.

Joordaan fi Turkiin gama isaaniin haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte balaaleffatteetaniiru.

Hogganaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa irratti haaressite “rifachuu” dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kibxata kaleessaa himaniiru. 

Mootummaan Ingilizii Israa’elii fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaaf qaban “guutummaatti akka hojiirra oolchan” gaafachuun, qaamoleen hundi lola dhaabuuf “hatattamaan gara mariitti akka deebi’an” gaafateera jechuun Al Arabiyaa English gabaaseera.

Exit mobile version