ONM-ABO Guraandhala 19, 2024 Aljeeriyaan Dilbata kaleessaa akka jettetti, wixinee murtii haleellaan Israa’el naannoo Falasxiiniitti geggeessaa jirtu hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu dhiheessiteetti.
Televijiiniin mootummaa wixineen kun Kibxata dhufu Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniin sagalee akka itti kennamuuf ni dhiyaata jedheera.
Aljeeriyaan miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii miti.
Wixineen Aljeeriyaa kana kan mormitu US aangoo sagalee sagaleen diiguu Veto mana maree kana irratti qabdudha.
Bakka bu’aan Ameerikaa UNtti Liindaa Toomaas-Giriinfiild Dilbatuma kaleessaa akka jedhanitti wixineen murtii Aljeeriyaa “hin fudhatamu” jechuun Waashingitan wixinee kana kuffisuuf sagalee sagaleen kuffisuu fayyadamuu akka dandeessu akeekkachiisaniiru.
Akka maddeen dippilomaasii Ameerikaa Anaadoloon dubbise jedhanitti, wixineen Aljeeriyaa dhukaasni akka hatattamaan dhaabbatu gaafatu kun ajaja baatii darbe Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa, Israa’el gochoota duguuggaa sanyii naannichatti raawwataman ittisuuf tarkaanfii akka fudhattu dirqisiisu irratti hundaa’uuni.
Israa’el erga haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwateen booda naannoo Gaazaa rukutteetti. Haleellaa Israa’el kana booda raawwatameen lubbuu namoota 29,000tti dhiyaatan kan galaafate yoo ta’u, badiisa jumlaa fi hanqinni meeshaalee barbaachisoo ta’an uumeera.
Lolli Israa’el Gaazaa irratti geggeessite hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha cimaa keessa jiruun uummata naannoo sanaa %85 gara buqqa’iinsa biyya keessaatti kan dhiibe yoo ta’u, bu’uuraaleen misoomaa naannoo kanaa %60 miidhamaniiru ykn barbadaa’aniiru jedha UN jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

