Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii sagalee guddaan dhukaasa dhaabuu Gaazaa deggare

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii miseensota 193 qabu murtee bakka waraanaan miidhamte Gaazaa keessatti dhukaasni namoomaa akka dhaabbatu gaafatu sagalee guddaan ragga’e.

Murtoon Kibxata kaleessaa kun kan ragga’e biyyoonni 153 sagalee deggersa, 23 sagalee kennuu irraa of qusachuunii fi biyyoonni 10 Ameerikaa fi Israa’eliin dabalatee sagalee mormii kennuun ture. Murteen kun dirqama kan hin qabne ta’us, akka agarsiiftuu yaada addunyaatti tajaajila.

“Wixinee murtii harka caaluun fudhatame kan deeggaran hunda ni galateeffanna,” jedhan Mootummoota Gamtoomaniitti ambaasaaddarri Sa’uudii Arabiyaa Abdullaziiz Alwasil sagalee kenname hordofuun yaada kennaniin. “Kun ejjennoo idil-addunyaa murtiin kun akka hojiirra oolu waamicha dhiyeessuu calaqqisiisa ” jedhan.

Sagaleen kun kan kenname yeroo dhiibbaan idil-addunyaa Israa’el haleellaa ji’ootaaf Gaazaa irratti raawwachaa turte akka xumurtu irratti ijaaramaa jiranitti yoo ta’u, lammiileen Falasxiin 18,000 ol ajjeefamaniiru, isaan keessaa harki caalaan isaanii dubartootaa fi daa’immani. Jiraattota Gaazaa miliyoona 2.3 keessaa dhibbeentaan 80 ol kan ta’anis buqqa’aniiru.

Haleellaan qilleensaa boqonnaa hin qabnee fi goolama Israa’el naannoo Falasxiin keessatti taasisaa jirtu  qondaaltonni Mootummoota Gamtoomanii “si’ool lafa irrati” jechuun waaman. Haleellaan waraana Israa’el nyaata, boba’aa, bishaanii fi ibsaa gara Gaazaatti akka hin seenne haalaan daangeessee jira.

Sagaleen Kibxata kaleessaa kenname kun murtii Jimaata darbe Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) keessatti murtii fashalaa’e kan akkasumas dhukaasni namoomaa akka dhaabbatu gaafate hordofeeti.

US Ameerikaan yaada dhihaate kana sagalee mormii qabu kennuun raggaasifamuun isaa balaadhaaf kan saaxiltee yoo ta’u, Ingliziin ammoo  sagalee kennuu irraa of qusatteetti. Sagaleen Mana Maree Nageenyaa UNSC kan UNGA yookiin Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii irra dirqama hojii irra ooluu  qaba.

Murtee UNSC yookiin Mana Maree Nageenyaa Jimaata darbe erga diigamee booda, barreessaan olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez tarkaanfii addaa fudhachuun Chaartara UN keewwata 99 kan nagaa idil-addunyaa irratti balaa hamaa ta’e akeekkachiisa akka kennu isa dandeessisu waamuun isaanii ni yaadatama. Keeyyatni kun yeroo dhumaaf kan itti fayyadamame bara 1971 ture.

Mootummoota Gamtoomaniitti ambaasaaddarri Masrii Osaamaa Abdelkihalek wixinee murtii kana “madaalawaa fi giddu galeessa” jechuun, eegumsa lammiilee nagaa gama lachuu fi booji’amtoonni hundi akka gadhiifaman gaafachuu isaanii ibsuu Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version