ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ)n hawaasni addunyaa duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa keessatti raawwattu ittisuuf dirqama akka qabdu ifa godheera jechuun pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa yaa’ii BRICS Raashiyaa Kaazaan keessatti gaggeeffame irratti himan.
Yaa’ii hoggantoota biyyoota BRICS 16ffaa irratti haasawa kan taasisan Raamaafoosaan akka jedhanitti: “Biyyoonni addunyaa gocha duguuggaa sanyii Israa’el kanaaf maallaqa kennuu dhiisuu ykn haala mijeessuu dhiisuuf itti gaafatamummaa qabu,” jedhan.
“Akkuma amma Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii murtee kennetti, biyyoonni addunyaa mirga hiree murteeffannaa ummanni Falasxiin dhugoomsuuf itti gaafatamummaa qabu,” jedhan.
Raamaafoosaan akka jedhanitti, waldhabdeen kanaan dura du’aa fi gaaga’ama guddaa geessise daran hammaachuu isaatiin biyyi isaanii yaaddoo guddaa akka qabdu himaniiru.
Hogganaan Afrikaa Kibbaa kun biyyi isaanii seenaa sirna Appaartaayidii ishee irraa kan ka’e, mirga hiree murteeffannaa fi mootummaa uummanni tokko argachuuf deeggarsa addunyaatiif barbaachisummaa akka hubattu dubbataniiru jechuun aljezeraan gabaaseera.

