ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa wiixata kaleessaa hoggantoonni addunyaa Israa’el haleellaa Gaazaa fi Libaanos irratti raawwattu akka dhaabdu dhiibbaa akka godhan gaafataniiru.
‘‘Gaazaatti dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafanna. Namoota booji’aman gadhiifamuu fi akkasumas gargaarsi namoomaa uummata bira akka ga’u mirkaneessuu,’’ jedhan Siiriil Raamaafoosaan haasawa deeggartootaaf Johaannesbarg keessatti guyyoota 100 aangoo isaanii kabajuuf taasisaniin.
Bara 1994 dimokiraasiin bari’ee kaasee Afrikaa Kibbaa hogganaa kan ture ANC, filannoo biyyoolessaa Caamsaa keessa gaggeeffameen sagalee caalmaa argachuu dhabuun, tumsa uumuuf dirqisiise.
Ramaafoosaan guyyoota itti aanan keessatti mootummaan isaanii duguuggaa sanyii ummata Falasxiin keessattuu Gaazaatti raawwatamaa jiru irratti ummata Falasxiin deggaruuf dhimma isaa guutuu Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti akka dhiyeessu dubbataniiru.
Mootummaan isaanii ummata Falasxiin deggarsa akka itti fufu ni mirkaneessa jedhan.
“Jaallan, boombiin Israa’el biyyoota dhiyoo kan akka Libaanos keessatti raawwatamaa jirus nu yaaddessa,’’ jedhan Raamaafoosaan.
Afrikaan Kibbaa dhuma bara 2023 mana murtii Heeg keessatti argamutti galmeessuun, Israa’el Onkoloolessa darbe irraa eegalee Gaazaa irratti boombii darbachaa jirtu, waliigaltee duguuggaa sanyii bara 1948 jalatti waadaa galte kabajuu dhabuu ishee himatte.
Turkii, Nikaraaguwaa, Falasxiin, Ispeen, Meksikoo, Liibiyaa fi Kolombiyaa dabalatee biyyoonni hedduun dhimmicha baatii Guraandhalaa keessa dhaddachaa ummataa eegaletti makamaniiru.
Manni murtii olaanaa baatii Caamsaa keessa Israa’el haleellaa kibba Gaazaa magaalaa Raafaa keessatti raawwattu akka dhaabdu ajajuu France 24 gabaaseera.

