Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baayiden hanga Wiixata dhufuutti Israa’elii fi Hamaas gidduutti Gaazaatti dhukaasni dhaabbbachuu akka abdatan dubbatan

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024

Mariin diinummaa dhaabuu fi booji’amtoonni akka gadhiifaman mirkaneessuuf taasifamu saffisaan waan mul’ateef, hanga Wiixata dhufuutti waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessitu irratti dhukaasa dhaabuu akka abdatan Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden dubbataniiru.

Baayiden yaada isaanii Wiixata kaleessaa Niiw Yoorkitti kan dubbatan yeroo miidiyaaleen Israa’el jilli waraanaa Israa’el marii cimaaf gara Kaataar balali’uu isaanii gabaasanitti.

Mariin kun Masrii, Kaataar fi US giddu galeessa godhachuun lola Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifamu akka dhaabbatu gochuun gargaarsi gara Gaazaatti akka seenu hayyamuuf kan yaadu yoo ta’u, Mootummootni Gamtooman gama isaan namoonni gara miliyoona 2.3 ta’an qarqara beelaa irra akka jiran ibseera.

Dhaabbiin yaadame kun hidhamtoota Falasxiinota dhibbaan lakkaa’aman Israa’eliin qabaman gadhiisisuuf jecha booji’amtoota Hamaasiin qabaman kudhanootaan lakkaa’aman akka gadhiifamanis ni hayyama.

Baayiden dhukaasa dhaabuun yoom jalqabamuu danda’a jettanii yaaddu jedhamanii gaafatamaniin, guyyoota muraasa keessatti dhukaasa dhaabuun hojiirra akka oolu abdii qaban dubbataniiru.

“Eeyyee, jalqaba dhuma torbeetti, abdiin qaba,” jechuun mana ayiskiriimii Niiw Yoorkitti argamutti gaazexeessitootatti himeera. “Gorsaan nageenya biyyaalessaa koo akka walitti dhihaannu natti hima. Walitti dhihaannee jirra. Ammallee hin xumurre. Abdiin koo hanga Wiixata dhufutti dhukaasa dhaabuu qabna.”

US guyyoota darban keessa Israa’el irratti dhiibbaa cimsuun yeroo dhiyoo as waraana dhaabuu irratti walii galtee jirti, kunis haleellaa Israa’el magaalaa kibba Gaazaa Raafaa irratti raawwattu kan namoonni gara miliyoona 1.4 ta’an, kanneen hedduun isaanii waraanaan buqqa’an, irratti raawwatte ofirraa ittisuuf jecha nageenya barbaada turte.

Gaazexeessaan Al Jazeeraa Patty Kulhaan, Washington, DC irraa gabaasa kenneen, yaadni Baayiden akka ergaa Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuuf ergameetti dubbifamuu danda’a jedhe.

Joo Baayiden akkas haa jedhan malee, waraanni Israa’el taasisaa jirtu itti fufuun guyyaa kaleessaa xiyyaaronni waraana Israa’el Libaanos irratti haleellaa qilleensaa sadii qarqara ganda Buday naannoo Baalbek, bakka cimaa Hizbullah’n qabatee jiru gammoojjii Bekaa daangaa Israa’el fi Libaanos irraa gara 100km (62 miles) fagaatu irratti raawwachuun yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamuu qondaaltonni nageenyaa Libaanos ibsaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version