Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessaatti Sababa Waraanni Mootummaa PP mucaa dubaraa tokko gudeedaniif gochichatti saalfachuun shamarreen sun of ajjeeste

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessaatti Sababa Waraanni Mootummaa PP mucaa dubaraa tokko gudeedaniif gochichatti saalfachuun shamarreen sun of ajjeeste.

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Sababa gocha badii waraana murna faashistii PPn waggoottan arfan darban uummanni Oromoo akkaan dararamaa jira.

Haala kanaanis namootni hedduun du’anii gariin kan hidhaman yoo ta’u shamarraan Oromoos waraana kanaan gudeedamuun rakkoo fayyaaf saaxilamuu irra darbanii saalfiin lubbuu ofii balleessaa jiru.

Gudeeddii akka qaama lolaatti kan fayyadamu waraanni PP shamarraan ol adeemtoota fi hawwaan Oromoo irratti gocha saalfachiisaa hedduu raawwatan.

Haaluma kanaan gudeeddiin Shamarran Oromoo qorqalbii cabsuu itti fufuun Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Najjoo ganda 02 keessatti waraanni mootumma PP kun intala dubaraa Ayyaantuu Girma jedhamtu maatii fi olloota ishee biratti kabajaa kan qabdu, akkasumas naannoo keessa jiraattuu keessatti safuu warra ishee fi naannoo ishee eeggattee jiraattu irratti gudeeddii raawwachuun akkaa isheen mataa gad qabaatte jiraattu gochuun salphina sammuu namaa cabsu kanaan erga salphisaaniin booda akka maatii fi naannoon ishee beekan taasisan.

Gocha ishee irratti ta’ee fi maqaa ishee hawaasa biratti badetti daran dhiphachuun, ani taa’es miidhaa lammiilee kiyya biroo irratti akkasiin ta’u taa’ee hin ilaalu jechuun Waxaabajjii 2,2022 funyoon of rarraasuun of ajjeestee jirti.

Mirni maqaa mootummaan waraana bobbaasee uummata hiraarsaa jiru gochoota farra dhala namaa fi aadaa Oromoo cabsee raawwacguu kan jabeessee hojjechaa jiru yoo ta’u godinuma lixa Wallaggaa ona Begii keessatti baatii Caamsaa keessa harmee Oromoo haadha ijoollee 6 gareen gudeeduun miidhamtee du’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version