Godina Qellem Wallagaa ona Anfillootti Sanbata dhufu irraa eegaluun guyyoota lamaaf sakkatta’iinsa waraana bilisummaa Oromoo geeggeessina jechuun ummata dirqisiisuuf karoorfatanii jiraachuun ifoome.
( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )
Waxaabajjii 4/2022 irra qabuun godina Qeellam Wallagaa ona Anfillootti waraanni weerartuu PP fi kaabinootni isaa qanaa kana keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina jedhuun sakatta’iinsaaf jiraattoota qopheessaa jiru.
Karoorri sakatta’iinsa kun kan ona Anfilloo magaalaa Muggii keessatti kan qophaa’e yoo ta’u sakatta’iinsa isaanii kanaaf midhaan,qorichaa fi ogeessota fayyaa akkasumas abbootii qabeenya dabalatee namoota isaan gargaaran mariisuun wantoota barbaachisoodha jedhan walitti qabachaa jiru.
Waraanni weerartuu PP kun Anfilloo keessatti yeroo garagaraa maqaa sakattai’nsa geeggesina jedhuun waraana baayi’na qaban bobbaasuun qabeenya qonnaan bulaa saamuu, ,ati WBO deggerta jechuun nama nagaa ajjeessaa fi hidhaa turan.
Karoora isaanii kanaaf namoota meesha maleeyyii eeboo fi gajaraa qabatan dabalatee hojjattoota mootummaa sadarkaa garagaraa irra jiran dirqaman akka hirmaachisan ni himama.
Tooftaa yeroon darbe kan murni maafi’aa PP osoo abdii hin kutanne faayidaa siyaasaaf itti fayyadamaa jiru kun godinoota garaagaraa keessattis kan itti fufee jiru yoo ta’u baatii tokko dura hojjettoota mootummaa magaalaa Shambuu dirqama kanaaf humnaan bobbaa’an irra rakkoon fayyaa ga’ee ture.
Onuma Anfilloo kana keessa torbanoota darbanis maqaa sakattai’nsa geeggessina jedhuun magaalaa Muggii irraa hanga qarqara magaalaattiitti geggeessuun uwwisa miidiyaa laatanii dantaa siyaasaaf kan oolfatan yoo ta’u ganda Yaarer keessaatti ammoo namoota nagaa shan kan ajjeessanii dunkaana ummata saamuun baaburaa miidhanii gubanii turan.
Kana malees ganduma kana keessaa namoota goodansiisanii fi horii gaanfa dabalatee wantoota hedduu konkolaataatti fe’atanii deemuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

