ONM-ABO Hagayya 29, 2024
Siyaasa qomoo tokkichaa, aadaa, amantii fi duudhaa habashootaa qofa tiksuuf murni bilxiginnaa Oromoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman hidhee waggootaaf hiraarsuun cinaatti maatii hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’uun jiraatan waraana isaa itti bobbaasee gara jabummaa isaatiin ajjeechaa raawwatu hammeessee jira.
Hagayya 28, 2024 waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO’n godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Seertumii irraa guyyoota lamaaf sakatta’iinsa taasisna jechuun ganda Waabaa Eebbaa fi Kuuroo keessa labaa turte nama nagaa hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’e dargaggoo umriin isaa 30 ta’u gara jabummaa isaaniin rasaasa itti roobsanii ajjeesuun beekameera.
Dargaggoon ajjeefame kunis maqaan isaa Shondoo Gabayyoo kan jedhamu yoo ta’u, kaleesuma kana guyyaa irraa naannoo sa’a 10:00’tti aanaa Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa iddoo addaa Boogaa jedhamutti akka ajjeefames ifoomeera.
Kana malees loltoonni sirnichaa bakkuma dargaggoo kana ajjeesanitti lolli sanyummaa isaan gidduutti uumamuun walii isaanii irrattis dhukaasa kan banan yoo ta’u, loltuun PP tokko ajjeefamuun tokko akka madaa’e jiraattonni ijaan argan ONM’tti himaniiru.

