Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti waraanni faashistii PP dargaggeessa tokko rasaasaan rukutuun ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Murni abbaa irree PP   hammeenyaan guutame kan naatoo tokko saba isaaf hin qabne uummata Oromoo bakka cufatti rasaasaan rukutee ajjeesuu itti fufee jira. 

Bifuma kanaanis Adooleessa 16, 2024 waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa gara ganda Daandii Guudii jedhamutti imaluun walakeessa halkanii toora sa’a 5:00’tti dargaggoo maqaan isaa Abrahaam Imaanaa jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuun himame.

Dargaggoon Abrahaam  dargageessa umrii 22 ogguu ta’u, nama hawaasa isaa keessatti jaalala guddaa qabu malee hirmaannaa siyaasaa kamirraa walaba jechuunis jiraattonni ONM dubbise himan.

Waraanni faashistii PP ajjeechaan uummata jiilchee bulchuu barbaadu lammiilee nagaa hidhata siyaasaa kamuu hin qabnetti afaan qawwee naannessuun ajjeechaa suukkanneessaa raawwachaa jiruun hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa jiraachuun ni beekama. 

Exit mobile version