Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaalogii Walalitti waraanni faashistii PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Qe’ee saba Oromootti gadda fi gadadoo uwwisuu malee uummata irraa dhalataniif gaarummaa fi gammachuu tokkollee yaadanii tasumaa kan hin beekne ergamtootni murna Bilxiginna, guyyuu gochoota gara jabinaa fi suukanneessoo raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Guraandhala 28, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaalogii Walal ganda Loomica Cabal bakka addaa Walagee jedhamuun beekamutti waraanni faashistiin ajaja Abiy Ahimadiin bobba’an dargaggoo ol adeemaa fi abdii borii ta’e nama maqaan isaa Firoomsaa Tarfaasaa jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti ari’anii jala fiiguun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni naannichaa dubbisne jedhanitti dargaggoon kun badii tokkollee qabaatee osoo hin taane hiriyoota isaa waliin osoo lagaa qaama dhiqatanii balleessaa tokko malee yakkamee ajjeefamuu dubbachuun waggaa shan duras obboleessa isaa haaluma kana fakkaatuun waraanni Bilxiginnaa ajjeesanii gatuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version