ONM-ABO | Caamsaa 19, 2025 – Waraanni Abiyyi Ahimad, waraana mootummaa Itiyoophiyaa kan dhiiga ilmaan Oromoo halkanii fi guyyaa dhangalaasuun beekamubeekamu, tarkaanfii waraanaa fi dararaa uummata Oromoo irratti raawwatu daran hammeessee itti fufe.
Haala kanaan, Caamsaa 18, 2025, tiksitoonni PP maqaa “WBO sakatta’uuf” jedhuun bobba’an, dargaggoo Oromoo umriin isaa 26 kan ta’e maqaan isaa Lalisa Aashim jedhame, ganda Guddinaa Mucoo keessatti bakka Baddeeyyi jedhamutti rasaasaan rukutanii ajjeesaniiru. Jiraattonni naannichaa akka ONM-ABO’tif himaniitti ajjeechaan kun sababa tokko malee raawwatame.
Jiraattonni dabalanii akka jedhanti, aanicha keessatti gochoonni akka ajjeechaa, hidhaa, saamichaa, fi dargaggoota humnaan waraanaaf erguun babal’achaa jira. Kunis sababa jeequmsa hamaa fi sodaa cimaa uummata keessa jiru ta’ee jira; namoonni bilisaan sosso’uu akka hin dandeenyes ibsachaa jiru.

