ONM-ABO Caamsaa 19, 2025
Waraanni goolessituun Abiy Ahimed bututtuu impaayera Itiyoophiyaa dhiiga ilmaan Oromoo dhugdu suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan, gochoota gara jabinaa daangaa darban goleewwan Oromiyaa cufatti kan durii caalaatti hammeessanii jiru .
Haaluma kanaanis kaleessa Caamsaa 18, 2025 tiksitootni Abiy Ahimed maqaa sakkatta’aa WBO jedhuun bobba’an, godina Qellem wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Guddinaa Mucoo, bakka addaa Baddeeyyi jedhamutti dargaggeessa umuriin isaa 26 maqaan isaa Lalisaa Aashim jedhamu gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Eeruu jiraattoota irraa arganneen aanicha keessatti gochoonni akka ajjeechaa, hidhaa saamichaa fi humnaan dargaggoota leenjii waraanaatti erguu hammaachuu irraan Kan ka’e jiraattonni bahanii galuuf yaaddoo hamaa keessa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

