ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Dhiiga ilmaan Oromootiin aangoo barcuma siyaasaa kan argate abbaan irree impaayerattii koloneel Abiy Ahimed, yeroo gara yerootti kallattiinis ta’e al-kallattiin ilmaan abbaa tokkoo kan ta’an saba Oromoo wal irratti ijaaruun dhiiga qulqulluu wal dhangalaasisaa oola.
Akkuma kanaan Kibxata darbe Guraandhala 11, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabal bakka addaa Jaarsoo jedhamuun beekamutti milishoonni sirnichaa gandummaan wal qoqqoodanii walii isaanii irratti dhukaasa bananiin milishaa maqaan isaa Alfaduul jedhamu wal irraa ajjeesanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Kaayyoon sirnichaas caasaa gubbaa hanga gadiitti Oromoo Oromoon cabsuu irratti kan xiyyeeffate oggaa ta’u, qaamolee sirnichaaf hojjetan gidduutti wal shakkii uumee ajjeechaa akka wal irratti raawwataniif halkaniif guyyaa hojjechaa jira.
Mataan Nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed barcuma dantaa siyaasaa isaa irratti isa qofa akka tiksaniif jabaa fi laafaa, beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne kanneen isaaf amanamoo ta’an qofaa bobbaasee dachee Oromiyaa weeraruufis saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwachisa kan jedhan jiraattota ONM dubbiseedha.

