ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Murni nagaa uummata Oromoo mancaasee afaaniin misoomaa fi badhaadhina faarsu Bilxiginnaan Waxabajjii 5, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti walgayii kaabinoota aanichaan durfamu hawaasa dirqamaan baasanii jechoota ciiggaassisaan uummaticha arrabsaa turuu ONM odeeffateera.
Dhimma wal dhabdee uummata aanichaa fi ergamtoota sirnichaa gidduutti ta’e ilaalchisee harmeen maqaan ishee Aadde Boontuu jedhamtu yeroo darbe milishaa sirnichaa maqaan isaa Zeenuu jedhamuun mana baaburaatti rasaasaan rukutamtee madaa’uun hospitaala Naqamtee ciisaa turuu ishee isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
Aadde Boontuun hospitaalichatti miidhama ishee irra ga’e dandamachuu dadhabuun torban darbe kan boqotte yoo taatu, waltajjicha irrattis dhimmoota haala yeroon wal qabatanii fi ajjeechaa Aadde Boontuu irratti raawwate ilaalchisee gaaffilee murteessoo ta’an uummatni kaabinootaaf kan dhiheessan yoo ta’u, deebiin gaaffii uummataaf laatames doorsisa ta’uu dubbatu.
Akka maddeen aanichaa jedhanitti gaaffileen uummataa kan ibsu “milishoonni kunneen gareen wal ijaaruun ajjeechaa, hidhaa fi dararaa nurraan ga’aa jiru kunis nurraa dhaabbachuu qaba” jechuun diddaa kan agarsiisan yoo ta’us, caasaaleen sirnichaa garuu yaadaa fi komii uummataaf deebii laachuu irra tuffii sabichaaf qaban ifatti mul’isuun sodaachisa adda addaa akka geggeessaa jiranis dabaluun dubbatu.
Kana malees milishoonni kunneen hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti uummata magaalichaa ilaalcha gandummaan qooduun ijoollee fi dubartoota isaanii akka lola kaasaniif hawaasatti erguun mana baaburaa daandii irrattii fi laga bishaaniitti haawwanii fi shamarran irratti lola kaasuun duuba irraan milishoonni kunneen maatii isaanii irra goruun dhiibbaa adda addaas geggeessaa jiru.

