Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti uummanni miidhaa lukkeeleen Bilxiginnaa irratti raawwachaa jiraniif ba’anii balaaleffannaa dhageessiffachuun beekame

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025

Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Guddattuu Qeebbee jedhamu keessatti haati ulfaa baatii 6 maqaan ishee Aadde Boontuu jedhamtu balleessaa tokko malee mana baaburaatti milishaa sirnichaatiin rasaasaan rukutamtee madoo ulfaataa madaa’uun hospitaala olaanaa Naqamteetti yaalamaa jiraachuu ishee isiniif gabaasnee kan turre oggaa ta’u, miidhaa ishee irra ga’e hordofees hokkorri onichatti mul’achaa akka jiru jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti Caamsaa 26, 2025 hawaasni Oromoo magaalichaa sodaa qabuu fi mirga lubbuun jiraachuuf wabii dhabuu irraan kan ka’e hiriira nagaa fi balaaleffannaa sirna afaan qawween of ijaaree afaanuma qawwee jalatti uummata ukkaamsee bulchu irratti dhageessifachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatee jira.

Yakkoonni mirga namoomaa guutummaa aanichaa keessatti ergamtoota sirnichaan adeemsifamaa oolu hawaasa magaalaa fi baadiyyaa naannichaa keessa jiraatan irratti irra deddeebiin mul’achaa kan turee fi ammallee ittuma fufee kan jiru yoo ta’u, jaleewwan murna PP kunneen sababoota uummaticha hin ibsineen yakkuun jiraattota irratti hidhaa jumlaa, reebicha ulfaataa fi saamicha qabeenyaa dabalatee uummatni bobbaa fi gala dhorkamuun qe’ee isaa keessatti hanga ajjeechaa lubbuutti isa irra gahaa jiraachuun kan himamu ta’us uummatichis qaama itti iyyatu wal’aalee iyya birmannaa dhabe keessatti kufee jiraachuu dabaluun eeranii jiru.

Exit mobile version