ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gurii Maariyaamitti caamsaa 2, 2025 shiftoonni Abiy Ahimediin hawaasaatti bobbaafaman shamarran maqaan isaanii:
- Caaltuu Iggazuu,
- Boontuu Tsaggaayee fi
- Ayyaanee Dassaalaa
kanneen jedhaman gabaa keessaa humnaan qabuun yakka gudeeddaa irratti raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti shamarran kunneen yeroo ammaa miidhaa qaamaa irratti raawwatameef buufatni fayyaa naannichaa dadhabuu irraan kan ka’e gara olaanutti rifeerii godhuufiin hospitaala Aayiraatti yaalamaa kan jiran yoo ta’u, haalli fayyummaa isaaniis baay’ee yaaddessaadha jechuun maddeen yaada isaaniitti dabalanii ONM’f addeessanii jiru.
Kanneen maqaan isaanii olitti caqafame malees ijoollee shamarranii akkasumas haawwan abbaa warraa fi maatii qaban kanneen kabajaan maluuf illee osoo hin hafin gochi safuu hawaasa Oromoo cabsu kun ergamtoota Abiy Ahimediin hawaasa irratti raawwatamaa jiraachuu fi akkuma guutummaa gandichaatti dararaan daangaa darbuun hawaasni bobba’ee galuuf rakkoo hamtuu keessa kan jiru yoo ta’u, yeroo darbes maqaa raayyaa ittisa impaayerattiif jedhuun ijoollee umuriin isaanii leenjii loltummaaf hin gahin humnaan ukkaamsaa turuun cinatti jiraattota naannichaa cufa irratti saamicha maallaqaa ulfaataa raawwachaa jiraachuus isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama

