ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Teessuma siyaasaa Koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman jaleewwan isaa, uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaanis Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Giraayii Sonkaa keessaa Caamsaa 11, 2025 jaleewwan Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Tashoomaa Dastaa jedhamu badii tokko malee qe’ee isaa dhaqanii ukkaamsanii hidhaatti darbachuun, Caamsaa 13, 2025 ammoo manuma isaa deebi’anii dhaquun Doqdoqqee inni qabu jalaa fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Tashoomaan abbaa ijoollee 2 fi siyaasa kam keessas kan hin jirre yoo ta’u, waraana sirnichaa gara mana isaa geessee kan qabsiises; gantuu moonaa qabsoo blisummaa Oromoo keessaa gale akka ta’es itti dabaluun himaniiru.

