ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Aanaa Gidaamii ganda Afteer Shorii jedhamu keessaa Caamsaa 3,2025 dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii:
- Yooseef Lammaa fi
- Addisuu Lammaa
jedhaman loltoonni faashistii PP badii tokko malee ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irraan gahaniin booda hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo kan ta’anii fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun aanaadhuma Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessaa ukkaamsanii reebicha ulfaataa irraan gahanii hidhuun, yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan, qaama hooggansaa isaan bobbaase gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

