Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessaa namoonni lama waraana maafi’aa PP’n baatii 3 dura qabamuun dhabamsiifaman

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Bilxiginnaan ilaalcha moofaan ijaaramee olaantummaa saba tokkoo agarsiisuu fi Oromummaa balleessuu qofaa irratti xiyyeeffatee hojjechuun ilmaan Oromoo manneen hidhaatti galchee dararuun cinaatti namoota gariin manneen hidhaatii baasee dhabamsiisuun diinummaa isaa calaqqisiisuu itti fufee jira.

Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda 01 irraa Ibsaa Girmaa fi Biqilaa Alamuu namootni jedhaman maqaa WBO waliin hariiroo qabduun baatii sadan darban dura bulchiinsa magaalaa Qebbee keessatti hidhamanii kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo mana hidhichaarraa baafamuun eessa buuteen isaanii dhabamee jiraachuun himame.

Dargaggoo Biqilaan sababa obboleessi isaa miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’eef maqaa obbolessa isaan yakkamee hidhamee kan ture ta’uu jiraattotni himuun, haalli fayyummaa isaas yaaddeessaa ta’uu dabaluun ibsan.

Obbo Ibsaan abbaa ilma tokkoo ta’uu fi waraana bilisummaa Oromoof magaalaa irraa dhiyeessii gara baadiyyaatti deddeebisuun hojii baasasummaa hojjetta maqaa jedhuun akka yakkanis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version