Gabaasa Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen jabeessuuf taasifame kan sagantaa Waxaabajjii 7, 2022 irratti dhiyaate.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO cinaa diinagdeen dhaabbachuun humna jabaa taasisuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haala kanaanis jaarmiyaan ABO biyya Sudaan Magalaa Damaaziinii fi Naannoo ishee Belquuwaa jiran Ayyaanna Eid alfaxiir sababeeffachuun tumsa WBOf qarshii Sudaan 280,000 ( kuma dhibba lamaaf saddeetama ) gumaacha godhaaniiru.
Kana malees sabboontootni ilmaan Oromoo Miiltoo WBO Las-Vegas jalatti gurmaa’an doolaara US Ameerikaa 1000 ( kuma tokko ) gumaacha taasisanii jiru.
Ittuma fufuun maadheen KALLACHA FUGUG marsaa 4ffaaf Deggarsa WBOf taasisaniin qarshii impaayera Itoophiyaa ( 6100 ) kuma jahaa fi dhibba Tokko(6100) galii godhaniiru.
Itti aansuun Ibsa Ejjannoo Armaan gadii baafatanii jiran.
1.Hanga Xumura Gabrummaatti deggarsa WBOf taasifnu itti fufna.
2.Oromiyaan Biyya Itoophiyaan Summii Oromoo fi Oromiyaati.
3.Warreen Itoophiyaa diina Oromoo taate leellisan hundinuu ejjennoo isaanii irraa dhaabbachuu qaban jechuun dhaammatanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaa ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisumma haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa !
Injifannoon Uummata Oromoof!

