Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Waxaabajjii 8,2022 dhiyaate

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Waxaabajjii 8,2022 dhiyaate.

( ONM-ABO Waxaabajjii 9,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan sabboontonni ilmaan Oromoo biyya Jarmaan naannoo Hessen magaalaa Firankfurt fi naannoo ishee jiraatan qarshii 90,000 ( kuma sagaltama ) WBOf gumaachanii jiru.

Tumsii fi deggarsi kunis hanga sirni nama nyaataan kun Oromiyaa keessaa badutti akka itti fufu waadaa seenanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaa ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan haa ta’u ittiin jenna!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version