Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 26,2022.
( ONM-ABO Adoolessa 26,2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaachi sabboontoota ilmaan Oromoon taasifamu itti fufee jira.
Haaluma kanaan sabboontoonni ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jiraatan maqaa Mandhee Jaal Nadhii Gammadaa WBO jedhuu jalattii gurma’uun buusii walitti buusuudhaan qarshii impayeera Itoophiyaa 82,622 ( kuma saddeettamii lamaaf dhibba ja’aaf digdamii lama ) WBOf gumaachanii jiru.
Gumaanni isanii hanga bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti oromiyaattii kan itti fufuu ta’uus dhammatanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

