Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 30, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 30, 2022.

( ONM-ABO Adoolessa 31,2022 )

Gabaasa gumaacha kaleessaa

Irree fi gaachaana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan sabboontootni ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi biyyoota addunyaa irra jiran Waldaa Agartuu Oromoo jalatti gurmaa’an Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf tumsa marsaa 3ffaa Bireenii 1 WBO tokkoof jechuun marsaa 3ffaa irratti taasisaniin qarshii Itoophiyaa 433, 990 ( Kuma Dhibba Afuriif Kuma Soddomii Sadiif dhibba sagalii fi Sagaltama) WBO qaqqabsiisanii Jiru.

Gara fuula duraattis hanga qabsoon Walabummaa Oromiyaaf taasifamaa jiru goolabamutti waan qaban hundaan Qabsoo bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabatan mirkaneessanii jiru.

Ilmaan Oromoo hundi alaa fi keessaan warreen qabsoo sabaa irraa qooda fudhachaa hin jirre gara miseensa Waldaa Agartuu Oromoo fi kanneen biroo WBO tumsaa jiranitti makamuun qabsoo ABO-WBO tin’isaa jechuun dhaamsa dhaamaniiru.

Deggarsi Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuu ittuma fufuun sabboonaan Oromoo obbo Boonsaa Sabaa jedhaman Biyya Yaman irraa dhuunfaadhaan WBO diinagdeen cimsuuf doolaara Ameerikaa 300 gumaachuun WBO qaqqabsiisanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version