Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen tin’isuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Hundeeffamni isaanii Mana Marii Caffee Oromiyaa kan jedhu yoo ta’u Sabboontonni ilmaan Oromoo kunneen buusii isaanii marsaa jalqabaa Manuma Marii Caffee Oromiyaa keessatti buusuun qarshii impaayeera Itoophiyaa 218,882 ( kuma dhibba lamaaf kudha saddeetiif dhibba saddeetiif saddeettamii lama ) WBOf tumsa taasisaniiru.

Booda irra gara garee”SAGALEE WARRAAQSA WBO” tti jijjiiruun sabboontootni ilmaan Oromoo buusii isaanii itti fufuun Marsaa Jalqabaa 373,882 ( kuma dhibba sadiif torbatamii sadiif dhibba saddeetiif saddeettamii lama ) gumaachaniiru.

Marsaa 2ffaaf qarshii 508,000 ( kuma dhibba shaniif kuma saddeetiin ) bireenii tokko WBOf akka bitamu gumaachanii jiru.

Walumaagalatti waggaa tokko keessatti qarshii impaayeera Itoophiyaa 1,100,764 ( miliyoona tokkoof kuma dhibba tokkoof dhibba torbaaf ja’atamii afur ) gooticha Waraana Bilisummaa Oromootiif galii taasisanii jiru.
Gumaacha taasisaniin cinaatti ibsa ejjennoo asiin gadiis baafatanii jiru.

  1. Gareen “Sagalee Warraqsa WBO” garee kaayyoo Oromootii fi Imaanaa Irbuu Shinniggaa fiixaan baasuuf ijaarameedha.
  2. Hanga kaayyoon Oromoo galma ga’utti qabsoo jabeessinee itti fufna.
  3. Kaayyoon Oromoo Bilisummaadha. Bilisummaan afaan qawwee malee hin dhuftu, kanaaf WBO jabeessuun fardiidha.
  4. Yeroo kanatti Oromoon keessoo mana isaa diinatti mul’isuu oso hin taane waan keessa isaa jiru dhokfatee diina isaatti fuulleffachuu qaba jechuun ibsa ejjennoo baafachuu isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon uummata Oromoof!

Exit mobile version