Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Waxabajjii 20,2022 Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti dhihaate

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Waxabajjii 20,2022 Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti dhihaate.

( ONM-ABO Waxabajjii 21,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan tumsiitootaa ABO WBO maandheen Liiban Dirree, galfata Jaatani Alii Tandhuu gumaacha isaanii ji’a Waxabajjii akkuma duraanii Shiliingii Keeniyaa 34500 ( kuma soddomii afuriif dhibba shan ) gumaachanii jiru.

Akkasumas yaadaa fi deggarsa maallaqaa ji’a ji’aan gumaachuun cinaatti irra deebiin irbuu haaromftaniiru.

Itti dabaluunis ABO WBOn haa lalisu haa jiiraatu jachaa,
Jaalala jaallummaa dhiigaa fi lafeen ni cimsina,
Dhigaa jaallaan kufanii galmaan ni geenya, qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa ni mirkaneessuuf qabsoo itti fufna, Impaayeera afaan qawweetiin Oromiyaa cabsitee, afaan qawweetiin diignee Oromiyaa walabaa ni ijaarra

ABO WBO ji’a, ji’an biraa hin dhaabbanna.

Deggersi WBOf taasifamu cimee itti fufuun ilmaan Oromoo maandhee “Urjii Qabsoo Baha Oromoyaa jalatti ” bifa maandhee fi dhuunfaan ijaaramanii qabsoo finiinsa jiran yeroo 2ffaaf gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof qarshii impaayeera Itoophiyaa 9900 ( kuma sagaliif dhibba sagal ) gumaachuun galii taasisanii jiru.
Maandheen Danbiyaa aanaa Kombolchaa irraa qarshii 2500
Maandheen Odaa Nabee lakk. 1 fi lakk. 2 aanaa Dirree Xiyyaaraa irraa qarshii 900
Jaal Saalii Yusuuf dhuunfaan qarshii 2000
Jaal Suutumaa Irkoo maatii isaa waliin qarshii 4500 fi jaakketaa qorraa 1 fi kophee waraanaa 2 bituun gumaacha taasisanii jiru.

Gara fuula duraattis olola booddessaaf otoo gurraa hin kennine hanga abba biyyummaa keenya mirkaneeffanutti tumsii fi deggarsi WBOf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbatanii jiru.

Dhuma irrattis waamicha uummatta Oromoo alaa fi keessaa jiruuf taasisaniin qabsoo wareegama hedduun asiin geenyee waan diinni yeroo bitachuuf nama gowwomsaniin otoo afaan hin faajja’in WBO cinaa akka dhaabbattan waamicha taasisaniiru.

Ittuma fufuun ilmaan Oromoo maandhee “Utubaa qabsoo baha biiftuu ” jalatti gurmaa’an WBO jabeessuuf qarshii 900 galii godhanii jiru.
Maandheen Sheek Bakirii Saaphaloo lakk. 1 WBO dinaagdeen cimsuuf qarshii 3000 galii taasisanii jiru.
Maandheen Raaree Gammachuu lakk. 2 jalatti gurmaa’an qarshii 10,500 WBOf galii taasisanii jiru .
Jaarmiyaan “Cibiraa Elemoo Qilxuu ” jalatti gurmaa’an marsaa 3ffaaf buusii dhaabbataa WBOf buusan qarshii 108,919 ( kuma dhibba tokkoof kuma saddeetiif dhibba sagaliif kudha sagala ) galii galii godhanii jiruu.

Sabboontootni ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaa maandhee ” Kaayyoo Haqaa ” jalatti gurmaa’an WBO jabeessuf marsaa 5ffaaf qarshii 23,500 gumaacha taasisanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jennaan.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version