Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 3, 2022n

Gabaasa Gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 3, 2022n

( ONM-ABO Hagayya 3,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Jaarmayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman “Konyaa Radaa Gurmuu Urjii Gumaacha” Marsaa 23ffaaf WBO gumaachaniin doolara Ameerikaa 23,382 ( Kuma Diigdamii Sadii fi Dhibba sadiif Saddeettamii Lama ) gara qarshii impaayeerattiitti 1,800,414 ( miliyoona tokkoof kuma dhibba saddeetiif dhibba afuriif kudha afur ) ABO/WBO gumaachanii jiru.
Jaarmiyaan Tokkummaa Baqatoota Yaman kun otoo wal irraa hin kunnee fi haala yeroo eeggatee hoo’aa qabbanaa’aa kan deemuu otoo hin taane rakkoo Oromoof Oromiyaan baroota dheeraaf keessa turte furmaata mayii fiduufii kan danda’u WBO fi WBO qofa ta’uu itti amanee buusii dhaabattan buusu cinaatti waan hatattamaatiif wayita gaafatametti deebii haalan nama boonsu kennaa jira.
Gara fuulduraattis hanga waan barbaannu argannutti gargaarsa WBOf taasisnu kan yoomiyyuu caalaa dachaan dabalaa akka deeman Koreen Jaarmiyaa Baqatootota Yaman ibsanii jiran.
Dhuma irrattis ibsa ejjennoo baafataniiru.
1.Gurmuun Urjii gara fuula duraattis hanga Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO/WBOn hogganamu galma ga’utti gumaacha keenya dachaa dachaan itti fufna.

  1. Ilmaan Oromoo kan biyya Yaman kutaalee garaagaraa keessa jirtan kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO/WBO durfamu diinagdeen utubuu keessaa harka hin qabne dhufanii dirqama Oromummaa isaanii akka ba’an jedhaniiru.

3.Bobbaa diinni qabsoo keenya irratti fi qabsaawota keenya irratti olola oofu karaa hundaan dura ni dhaabbanna jedhaniiru.

Tumsii fi deggarsi WBOf taasifamu itti fufuun sabboontootni ilmaan Oromoo Afrikaa kibbaa irraa Gurmuun Qabsaa’ota Gameeyyii Bilisummaa Oromoo WBO Jabeessuuf doolaara Ameerikaa 1000 yookiin qarshii impaayeeraa 83,700 ( kuma saddeettamii sadiif dhibba torba ) WBO qaqqabsiisanii jiru.

Gara Fuula duraattis tumsaa fi deggarsa WBOf taasisan hanga dhumaatti kan addaan hin kunnee fi cimsanii kan itti fufan ta’uu koreen Qindeessituu Gurmuu Qabsaa’ota Gameeyyii Bilisummaa Oromoo biyya Afrikaa kibbaa ibsaniiru jechuun gabaasa AjajaanOlaanaanABO-WBOArraataBiyyooleessaOromiyaaqaqqabsiisaniinbeekuundanda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version