Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 2, 2022n isiniif dhiheessa.
( ONM-ABO Hagayya 2, 2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha sabboontootni ilmaan Oromoo taasisan cimee itti fufee jira.
Akka kanaanis Gurmuun Qabsaa’ota Gameeyyii Bilisummaa Oromoo biyya Kanaadaa irraa doolaara Ameerikaa 3500, Ameerikaa irraa doolaara Ameerikaa 1700, Faransaayi irraa doolaara Ameerikaa 700, UK irraa paawondii 300, Siwidiin irraa doolaara 3,000 gara maallaqa impaayeera Itoophiyaatti yoo jijjiirame 434,100 ( kuma dhibba afuriif soddomii afuriif dhibba tokko ) marsaa jalqabaaf ABO-WBO qaqqabsiisanii jiru.
Gara fuula duraattis abdii fi gaachana uummata Oromoo WBO kaayyoo irbuu Shinniggaa qabatee lubbu jijjirraa hin qabne sabaa kennaa jiruuf nutis gurmuun qabsaa’ota gameeyyii ABO-WBO WBO hanga qabsoon jalqabame xumura argatee abba biyyummaa keenya mirkaneesinutti WBO gargaaruun fedhii qofa otoo hin taane dirqama Oromummaa ti jedhaniiru.
Deggarsii fi tumsi WBOf godhamu ittuma fufuun miseensoonni konyaa ABO “Siwiizeerlaand” keessa jiraatan ABO-WBO diinagdeen jabeessuuf Siwiis Firaankii 2250 yookiin doolaara Ameerikaa 2,143 walitti qabuun WBO qaqqabsiisanii jiru.
Miseensonni konyaa ABO Swizerland buusii dhaabbataa ji’a ji’aan WBO abdii biyyaa, lubbuu jijjirraa hin qabne sabaaf kenneef Siwiis Firaankii 30 buusuuf kan murteessan yoo ta’u hanga walabummaa fi bilisummaan dhugoomutti cimsanii kan itti fufan ta’uu waada seenanii jiru.
Maandheen wiirtuu qabsoo Bilisummaa ” WBO halkanuma tokko ille nyaachifna” jechuun korbeessa tumaalessaa tokko WBOf gumaachanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

