Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haala kanaanis ilmaan Oromoo maandhee IFA BARII jalatti ijaaraman gumaacha maallaqaa qarshii 50,000 ( kuma shantama ) WBOf gumaachanii jiru.
Jaarmayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Yaman Konyaa Radaa Gurmuu Urjii gumaacha marsaa 27ffaa doolaara 277 ( dhibba lamaa fi torbaatamii torba ) akkasumas Gurmuu Urjii jalatti kan ijaaraman Maadheen Biiftuu Barii A1 doolaara US Ameerikaa 888 ( Dhibba saddeetii fi Saddeettamii saddeet ) kan gumaachan yoo ta’u walii galatti doolaara 1,165 ( kuma tokkoof dhibba tokkoof jahaatamii shan ) gumaachanii jiru.
Deggersi WBOf taasifamu keessaa fi alaan itti fufuun ona Qarsaa keessatti maadheen “Ahimed Kabiiraa fi Elemoo Biiftuu” jalatti ijaaraman yeroo lammaffaaf WBOf qarshii 3,000 gumaachanii jiru.
Sabboontonni Ilmaan Oromoo Maadhee “Gumaa Haacaaluu Hundeessaa” jalatti gurmaa’aan WBO jabeessuuf Qarshii 1,200 gumaachaniiru.
Ilmaan Oromoo Maadhee “Arraata Biyyooleessa Oromiyaa lakkoofsa (1)” jalatti gurmaa’aan WBO diinagdeen jabeessuuf qarshii (1000) gumaachani jiru.
Sabbontittiin Oromoo aaddee Biraanee Kabbadaa Badhaasaa USA irraa Eebba Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa Milkeessuuf waan eebbaa kanaaf barbaachisu baasii shiliingii Keeniyaa 121,000 ( kuma dhibba tokkoof digdamii tokko ) baasuun eebbicha midhaksitee jirti jechuun gabaasa ajajaan olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof

