Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 22, 2022

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 22,2022.

( ONM-ABO Adoolessa 23,2022 )

Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma Kanaan Gareen Tumsa WBO zoonii Bahaa jeneraal Waaqoo Guutuu jalatti gurmaa’an marsaa 8ffaaf qarshii impaayeera Itoophiyaa 21,000 ( kuma digdamii tokko ) WBO qaqqabsiisanii jiru.

Gara fuula duraafis diigumsa Qabsoo Oromootii fi uummata Oromoo irratti yaalamaa jiru dura dhaabbachaa deggersa WBOf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu waadaa seenanii jiru.
Bifuma wal fakkaatuun ilmaan Oromoo biyya Amerikaa irraa
obbo FiraanBoon Portiland Irraa
Obbo Lammiif Dhiigaa Minisootaa irraa
Aaddee Muratuun Minisootaa irraa wal ta’uun doolara Ameerikaa 1000 ( kuma tokko ) walitti qabuun WBOf qorichi garaagaraa akka bitamu taasisanii jiru.

Gara fuula duraattis hanga Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti tumsaa fi deggarsa WBOf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu waadaa seenanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version