Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa godina Jimmaatti hidhamtoota murtii fudhatanii taa’aa turan mana hidhaa baasuun achi buutee dhabamsiise

Waraanni bilxiginnaa godina Jimmaatti hidhamtoota murtii fudhatanii taa’aa turan mana hidhaa baasuun achi buutee dhabamsiise.

( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo qotee awwaalu malee hin amannee fi karaa itti uummatni Oromoo ilmaan isaaf boo’u qofa irratti xiyyeeffate hojjechaa jiru godina Jimmaa keessatti ilmaan Oromoo mana hidhaa baasuun dhabamsiisan.

Waxaabajjii 3,2022 godina Jimmaa keessatti hidhamtoota maqaa siyaasaan badii tokko malee hidhamuun murtii argatanii mana sirreessaa isaan jedhan sana keessatti hidhamaa turan afur halkan baasuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.

Ilmaan Oromoo arfan achi buutee dhabamuun maatiin deddeebi’anii gaafachaa jiran kunis nama maqaan isaa mahammad, Suleeyimaan, Tafarraa Hangaasuu fi Abdo Abbaa fiixaa jedhaman akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Jimmaa gabaasaniiru.

Yeroo garaagaraatti waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkuun hidhu, mana hidhaa baasuun ajjeesuu waan aadeffateef carraa namoota kana mudatu maatiin sodaachuun raafama keessa akka jiranis Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version