Godinaa addaa nannaawwaa Finfinnee bulchinsaa magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni maafi’aa bilxiginnaa qeerroowwan Oromoo dirqiin qabanii gara mooraa leenjii waraanatti erguuf waliitti qaba jiraachuutu dhagaa’ame.
( ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Waraannii safuu fi namuusa hin qabnee waraannii weerartuu impaayeera Itoophiyaa ilmaan Oromoo golee Oromiyaa cufa keessaa walitti qabuun lolaa isaan hin ilaallannetti erguun haadha Oromoo bochiisaa ooluu itti fufuun Waxabajjii 13,2022 godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaatti waraanni faashistii PP kaleessa ganama barii irraa egaaluun dargaaggota Oromoo mana barumsaa fi magaalaa keessa deemuun humnaan qabaa turan.
Akka jiraattootni jedhanitti Waxabajjii 13,2022 jechuun ganama kaleessaa barattoota meeshaalee barnoota qabaatanii mana barumsaa deemaa turan hedduu isaanii qabanii bakka tokko tursisaa turuu waan ijaan argan irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Ittuma dabaluun murni bilxiginnaa kisaaraan siyaasaa fi waraanaa isa mudate dandamachuuf ilmaan keenya nu jalaa guree gara dirree waraanaatti ergee lola itti xumuruuf karoora qopheeffatee hojjechaa waan jiruuf ilmaan Oromoo as keessatti aarsaa Abiy Ahimed aangoo isaa tikfachuuf kafalaa jiruuf itti guutii akka hin taane jechuun sabboontootni ilmaan Oromoo ni dubbatu.
Murni egereen isaa harkaa badee olii fi gadii kaataa jiru kun miidiyaan ololees waraana haamilee hin qabne kumootaan bobbaasees sirna kufuuf ka’e oolchuu waan hin dandeenyeef uummatni Oromoo waraana isaa WBO jabeeffachaa illmaan isaa ammaa leenjii Itoophiyaa tiksuuf laatamu irraa qooda akka hin fudhanne dhorkachuu qaban kan jedhan qeerroowwan Bilisummaa Oromoo magaalaa Burraayyuu ti.

