Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina addaa naannawwaa finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti murna Pp’n hidhaa fi hidhaa baasanii gara leenjii waraanummaatti erguun jabaate

ONM-ABO Caamsaa 29, 2023

Hidhaa fi dararriin akka waan qabsoo uummata Oromoo duubatti deebisuutti  kan yaadan bulchitoonni sirna abbaa irree impaayera itoophiyaa ammas ilmaan Oromoo hidhuu fi hidhaa baasanii humnaan gara dirree waraanaatti fe’uu itti fufani.

Haaluma kanaan godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti barattootaa fi namoota hojii barbaachaaf bakkoota garaa garaatii dhufuun magaalicha jiraatan, kabinoonni sirnichaa  milishoota magaalichaaf maallaqa kennuun namni tokko nama Shan qabee fiduu qaba jedhanii dirqama itti kennuun, erga qabanii mana hidhaa galchanii ati waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii mana hidhaa keessaa baasanii gara dirree waraanatti fe’aa jiraachuu maddeen himan.

Oduu hidhaan wal qabaatuun  godinuma addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo keellaa irraa  obbo Dajanee Abbabaa fi Geetaachoo jedhamu mana jireenyaa isaaniitii  waraanni bilxiginnaa qabuun konkolaataa waraanaa 3F irratti darbatanii fuudhanii dermuu maddeen ijaan argan himan.

Exit mobile version