Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom
Diina daaraa botoroo taasise

Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom
Diina daaraa botoroo taasise.

(ONM-ABO Waxabajjii 27,2022)

Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom Booroo Irraa kaasee Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Bulbulii Fi Ganda Malkaa Gubaa gidduutti lola karaa gargaraa lamaan tarkaanfi laalessaa fudhateen Injifannoo ciccimoo galmeesseera.

haaluma kanaan lola magaala Bulbuliif magaala malkaa gubaa gidduutti humna weerartuu PP tan godina irraa galaa waraanaa qabattee sochoote irratti bakka addaa Gaara-Culul jedhamutti tarkaanfi cimaa fudhateen diinaa irraa 27 ajjeessee 34 madoon adabeera.

Gama meeshaan qawwee Turkii 2,AKM4fi Rasaasa,boombiilee gargaraa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godheera.

Bifuma wal fakkaatuun humna diinaa kan Malkaa Gubaa irraa karaa Dhangaggooftu Waraana Bilisummaa Oromoo dhokattee uummata oromoo duguuguuf sochoote irratti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bakka addaa Amboo-kuroo jedhamutti tarkaanfi cimaa irratti fudhachuu lola guyyaa guutuu Yeroo sadii oli itti deddeebiin loleen 16 battalatti ajjeessee 20 ol madoo cimaan adabeeraa.

Tarkaanfiin Waraannii bilisummaa Oromoo fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoo uummata Oromoof !

Exit mobile version