Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaa keessatti tarkaanfii fudhateen injifaInjifannoo cululuqaa galmeessee

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaa keessatti tarkaanfii fudhateen injifaInjifannoo cululuqaa galmeessee.

ONM-ABO Hagayya 19,2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa gujii lixaa cibraan Gooroo Dugdaatiif Cibraan Madda Albuudaa waliin ta’uun kaleessa Hagayya 18,2022 aanaa Bulee Horaa ganda Gaalee Magaadaatti lukkeelee diinaa hattootaa fi saamtoota uuummata Oromoo kan ta’an osoo isaan humna raashina godina irraa fiduuf karaa qabuu deemanii gootichi bakka saduitti haxxee itti hidhuudhaan ajajootaa fi dhukaastota bireenaa dabalatee nama 74 battalatti yommuu ajjeesuu 31 immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Tarkaanfii kana keessatti humni shororkeessaa Abiy Ahimed kan godinaa dhufu konkolaataan torba hundi haxxee seenuudhaan daaraa yommuu ta’u konkolaataan tokko immoo boombiidhaan daaraa ta’e jira.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 7 hidhannoo guutuu wajjin, rasaasa bireenaa 1570, kaazinaa 5 fi uffataalee garaagaraa irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.

Lolli hanga bilisummaatti itti fufa!
Injifannoon hidhannoo qofaan dhufa!

Injifannoon uummata Oromoof!

Exit mobile version