Murni bilxiginnaa lafa qonnaan bultoota naannowaa magaalaa Adaamaa jiran irraa manneen diigaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 23,2022 Murni bilxiginnaas akkuma abboota isaatii lafa qonnaan bultoota saamuu fi qonnaan bultoota lafa isaanii irraa buqqisu hojii godhate, dalagaa farrummaa isaa itti fufuun baadiyaa magaalaa Adaamaatti aananii jiran irraa mana irraa diiganii lafa sana namoota maallaqa qabaniif hiraa jiru.
Torbee darbe keessa magaalaa Adaamaatti kan aantu ganda Daabee Solloqqee irraa manneen namootaa ooyiruu isaanii irratti ijaarratanii hedduu diigaa turan.
Lafa ganda Daabee Solloqqee kana kanaan duras maqaa zoonii industirii jedhuun qonnaan bultoota irraa fudhanii kan turan yoo ta’u yeroo amma ammoo abbootii qabiyyeef lafa kaaree meetira 200 qofa hambisuun erga kennaniifii maallaqa gurguddaan kaabinootni sirna PP gurgurachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

