Bulchinsa magaalaa Dirree Dawaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi qabeenya isaanii mancaasaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 26,2022 Dirree Dhawaa wiirtuu daldalaa yoo taatu sabaf sablammoonni impaayeerattii hundi keessa jiraachùun hojjetanii jireenya dhuunfaa isaaniif galii guyyaa argamsiisuuf tattaafatu.
Magaalattii keessatti ilmaan Oromoos jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuu olii fi gadi fiigu.
Mootonni abbaa irree dhufa darbaa ilmaan Oromoo akka diinagdeen hin horanne barbaadan biyyaa fi biyyoo isaa irratti kabajaa dhabsiisuun akka bineensa dalagaa irraa adamsanii hidhu.
Guyyaa dheengadaa jechuun Hagayya 24,2022 bulchinsa magaalaa Direee Dawaa ganda 07 bakka Ashawaa jedhamutti poolisiin idilee fi humnootni nageenyaa biroon wal ta’uun addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatanii namoota daldalaa adda addaa irratti bobbaa’anii jiran reebicha hamaa irratti geggeessuun ari’anii qabeenya isaanii kan gachisiisan yoo ta’u gariin ammoo qabanii hidhaanii jiru.
Qabeenya isaan gatanii baqatan kana dhuunfatanii maallaqa keessaa sakatta’anii fudhachuun meeshaalee biroo gara buufata poolisiitti galchan.
Itti dabaluunis achuma magaalaa Dirree Dawaa ganda 09 keessattis guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 25,2022 namoota jimaa gurgurachuuf magaalaa Awadaay irraa magaalaa Dirree Dhawaa deeman namoota 21 qabanii kan hidhuun qabeenya isaanii saamanii jiru.
Baha Oromiyaatti galii guddaan uummatni ittiin jiraatu garri caaluu jimaa irraa kan argamuu yoo ta’u murni bilxiginnaa shamarranii fi dhiirota magaalaa irraa magaalaatti darbanii gabaa caalaa barbaadanii daldalachuuf deemanitti danqaa ta’uu jiraattootni magaalaa Dirree Dhawaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

