ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Goolessitoonni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa godaansisuuf goleewwan Oromiyaa cufa keessatti koloneel Abiy Ahimediin bobbaafan gochoota badii isaanii uummata irratti jabeessuun dararaa hamtuu agarsiisaa jiru.
Murni badee balleessaan bilxiginnaa waraana isaa naatoo tokkollee hawaasaaf hin qabne qe’ee Oromoota maraa keessatti bobbaasuun, kufaatii diinagdee isa mudate jalaa of baraaruuf qabeenya uummata nagaa saamsisaa gariin ammoo mancaasaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Haaluma kanaan faashistoonni sirnichaa Hagayya 16, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa magaalaa Ajjee keessatti namoota hojii daldala xixxiqqaa hojjechuun jireenya isaanii geggeeffatan gibira kan duraa irra dachaa sadiin kaffalchiisuun hiraarsaa kan jiran yemmuu ta’u magaalichuma keessatti ammoo dargaggoota mana rifeensaa dhiiraa hojjetan qarshii 20,000 hanga 25,000’tti waan isaan hin qabne kaffalaa jechuun doorsisaa jiru.
Dargaggoonni kunis qarshii hanga isin jettan kana nuti of harkaa hin qabnu ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa nutti hammaatee jira yeroo ittiin jedhan, milishoonni magaalichaa dargaggoota achi keessaa ari’uun mana isaaniis irratti akka saamsan jiraattoonni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

