ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Hagayya 2, 2024 Aanaa Arsii Nageellee ganda Shaallaa Biilaa iddoo addaa Harooreessa jedhamuti xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa kufuun balaa hawaasaa fi beelladoota irraan ga’ee jira.
Xiyyaarri kun yeroo lafa ga’utti mucaa durbaa umuriin ishee 4 maqaan ishee Asiyaa Sulxaan Waabee jedhamtu irratti kufuun miilla ishee lamaan kan caccabse yoo ta’u, re’oota 8 battalatti ajjeesuun 4 immoo caccabdee lubbuun kan hafte ta’uu jiraattonni dubbatu.
Xiyyaara kana keessa namni lama akka jiruu fi afaan Amaaraa malee afaan Oromoo kan hin beekne yoo ta’an, isaan kun balaa kanaan miidhaan irra ga’e akka hin jirree fi namoota kana waraanni mootummaa dhuunfachuun waajjira ganda Shaallaa Biilaa akka geessan maddeen dabalataan ONM’tti himaniiru.
Yeroo ammaa kanatti xiyyaarri kun eessaa akka kaatee fi maaltu akka ishee mudatee kufte addaan kan hin baane ta’uu fi xiyyaarri biroon iddoo sana gubbaa dhuftee lafatti gadi dhihaattee deebite jiraachuu maddeen fi hawaasa naannoo sanaa irraa ONM qulqulleeffatee jira.

