Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa keessatti nama tokko yoo ajjeesan Shaashamannee keessatti maatiin qabsaa’otaa akka ooyiruu hin dalaganne dhorkan 

ONM-ABO Adoolessa 10, 2023

Jimaata darbe Adoolessa 7, 2023 waraanni faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa keessatti badii tokko malee dargaggoo tokko ajjeesan.

Ajjeechaa ganda Algiriimaa jedhamu keessatti ol adeemaa maqaan isaa Amaan Gammadaa Qoxoollee jedhamu irratti raawwate kun badii tokko raawwatee osoo hin taane Oromummaa isaaf qofa yakkamee akka ajjeefame dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo godinichuma aanaa Shaashamannee ganda Xaaxessaa Dandeessaa jedhamutti kaabinootni aanichaa maatiin qabsaa’otaa fi deggertota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhamuun kanneen shakkaman midhaan ga’ee jiru akka hin haammannee fi kan hin geenyes ooyiruu keessaa akka hin aramanne ugguruun hawaasni rakkoo cimaa keessa jiraachuu himatu.

Murni faashistii PP kun waraana isaa itti bobbaasee ilmaan Oromoo yakka tokko malee ajjeessaa, hidhaa fi saamicha irratti geggeessuun cinaatti qabeenya isaanii akka hin hojjetanne dhorkuun rakkoo dinagdeen akka rukutaman gochaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version