ONM-ABO Ebla 15, 2024
Godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa bulchiinsa magaalaa Kuyyeeraa jedhamu keessaa har’a Ebla 15 ganama maanguddoo fi sabboonaa Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo badii tokko malee mana isaaniitti marsuun waraanni maafi’aa PP qabanii buufata poolisii magaalaa Kuyyeeraatti hidhanii jiru.
Obbo Dhaqqabaan waraqaa seeraa malee mana kiyya seenuu fi sakatta’uu hin dandeessan jechuun mormachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Maanguddoon kun bara TPLF’s irra deddeebiin qabamanii hidhamaa fi dararamaa akka turan seenaan isaanii kan ibsu yoo ta’u, bara bilxiginnaas WBO waliin hidhata qabdu jedhamuun ija shakkiin ilaalamaa, doorsifamaa fi hidhamaa akka turan odeeffanneerra.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni faashistii PP mooraa isaanii keessaa fi ala marsee jiraachuun barameera.
Torbee lama duras bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 04 keessaa dargaggoo Guutaa Tashitaa jedhamu badii tokko malee qabuun mana hidhaa aanaa 1’ffaa bakka 81 jedhamuun beekamutti hidhanii hiraarsaa jiru.
Dargaggoon kun akka ba’uuf maatiin irra deddeebiin dhaqanii gaafatanis ergamtoonni bilxiginnaa maatii ari’anii galchanii jiru.
