Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maanguddoon Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti mana jireenyaa isaaniitii waraana faashistii PP’n qabaman

ONM-ABO Ebla 15, 2024

Godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kutaa bulchiinsa magaalaa Kuyyeeraa keessaa har’a Ebla 15 ganama maanguddoo fi sabboonaa Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo badii tokko malee mana isaaniitti marsuun qabanii buufata poolisii magaalaa Kuyyeeraatti hidhanii jiru.

Obbo Dhaqqabaan waraqaa seeraa malee mana kiyya seenuu fi sakatta’uu hin dandeessan jechuu mormachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Maanguddoon kun bara TPLFs irra deddeebiin qabamanii hidhamaa fi dararamaa akka turan seenaan isaanii kan ibsu yoo ta’u, bara bilxiginnaas WBO waliin hidhata qabdu jedhamuun ija shakkiin ilaalamaa, doorsifamaa fi hidhamaa akka turan odeeffanneerra.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni faashistii PP mooraa isaanii keessaa ala marsee jiraachuun barameera.

Torbee lama duras bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 04 keessaa dargaggoo Guutaa Tashitaa jedhamu badii tokko malee qabuun mana hidhaa aanaa 1ffaa bakka 81 jedhamuun beekamutti hidhanii hiraarsaa jiru.

Dargaggoon kun akka ba’uuf maatiin irra deddeebiin dhaqanii gaafatanis ergamtoonni bilxiginnaa maatii ari’anii galchanii jiru.

Exit mobile version